Ergaa Pirezidaantii Itti Aaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Bara 2012 Sababeeffachuun Dabarsan

Ergaa Pirezidaantii Itti Aaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Bara 2012 Sababeeffachuun Dabarsan

Ergaa Pirezidaantii Itti Aaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Bara 2012 Sababeeffachuun Dabarsan

Abbaa sirna Kabajamaa fi ulfaataa Irreechaa Kan taate ummata Oromoo,

Kabajamtoota ilmaan aayyaa guyyaa Seenaa Qabeessa kana arguuf carroomtanii fi sabaa fi sablammoonni biyyattii waliin irreeffachuuf qophooftan hundi keessan baga sirna galateeffannaa Irreechaa Bara 2012 geessan; baga waliin geenye!

Irreechi guyyaa galataati. Guyyaa uumamni uumaa itti jajatuufi dinqifatuu dha. Golaa hanga boroofi balbalaatti, ardaarraa hanga biyyaatti hamtuufi toltuu dabarsan hundaaf Waaqa ykn uumaa kan itti galateeffatanii dha.

Irreechi Guyyaa jaalalaati. Maatiifi waatiin, angafaafi quxusuun, xiqqaafi guddaan kan itti wal kabajuufi jaalala waliif qabu agarsiisuu dha. Ayyaana duudhaa mariifi marabbaa, mijuufi eebbaa, araaraafi utubaa waliin jireenyaati.
Irreechi yaadaafi qalbiin qulqullaa’uu barbaada. Haaloo kuusuufi maqaa wal balleessuun faallaa duudhaa Irreechaati. “Gurraacha Garaa Garbaa” jechuun harkasaa Waaqatti bal’isee kadhachuufi eebbifachuun Oromoof duudhaa dha. Uumaan samiifi lafaa ni kabajama. Qulqullummaanis ni jajama.

Irreechi Guyyaa nageenyaafi tasgabbiiti. Qoricha wal dhabdeefi jibbiinsaa, furtuu waliin jireenyaafi wal tumsaati. Dhuka tokkummaafi mallattoo ifaati.
Birraan Oromoo biratti mallattoo miidhaginaati. Tibba hojiin harka Waaqaa itti jajamuu dha. Boqonnaa dukkanarraa ifatti, Gannarraa Birraatti, corqaarraa gara bilchaataatti itti ce’anii dha. Marfata uumamaa hojii harka uumaa ta’e kana, Mareehoo, Mareehoo jechuudhaan kan itti dinqifatan ayyaanni Irreechaa guyyaa ifaati.

Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaa booda kabajamu kun seenaa Oromoo keessatti galmee haaraa kan saaqee dha. Handhuura Oromoo kan ta’e horri Finfinnee faana dhaloota ganamaa waliin deebi’ee kan itti wal argee dha. Guyyaa roorroon godaanee, abbaan qe’ee balbalasaatti deebi’ee kabajaa argatee dha. Burqaan Finfinnee, Araddaan Warra Duulaa harka bal’isee nu simachuun duudhaa ganamaa keenyatti nu deebise.

Ayyaanni Oromoo Walla, muudni isaas Salbaana,Horri isaa Finfinneedha, jajannaan isaas waaqa.

Oromoon Hayyuu qaba. Wal morka Yaadaa ni eyyema. Ilaafi ilaameen abboomama. Waliin hojjechuufi nyaachuu, dhugaa moosisuufi qalbifachuunis duudhaa ganamaa isaati. Irreechi Oromoo ayyaana dhugaan itti mandi’uufi dhaloonni irraa hunatuu dha. Irra deebi’ee baga dhugaa duudhaa ganamaa guyyaa eenyummaa, kallacha tokkummaa Irreecha Malkaatiin isin gahe, nu gahe yammuun jedhu gammachuu guddaadhaan.

Irreechi Hora Finfinnee bara kanaa, calaqqee gaarummaa, nageenyaa, jaalalaafi waliin jireenyaa, akkasumas, hammattummaa Sirna Gadaa Oromoo ta’ee dirree kaleessa irratti cabnerratti wayita kabajamu arguun olitti waan nama gammachiisu hin jiru.

Irreechi baranaa tokkummaa Oromoo caalmaatti kan miidhaqse, ummattoota teessumaan ollaa, garaadhaan gargar fagoo kan walitti dhiyeesseefi abdii milkaa’inaa biyya demokraatawaa ijaaruu haaressee dha.

Oromoon saba guddaa aadaa fi duudhaa Sirna Gadaa isaarraa maddeen hammachuu, waliin miidhaguu, jaalala, araaraa fi nagayaan waliin jiraachuu dhaabbata godhatee dha. Duudhaan isaa kun madda nagaa, abdiifi injifannooti.

Irreechi Hora Finfinnee deebi’ee kabajamuun seenaa ummata Oromoo keessatti hiikoo dachaa kan qabuu dha. Sirni Gadaa madda duudhaa demokraasii ta’e deebi’ee mul’achuufi guddachuuf carraa argateera. Akkuma sana, seenaan dabe akka sirraa’uufi dhugaan abbaaf akka deebi’u kan taasisee dha.

Hardha jaarraa tokkoofi walakkaa booda yeroo jalqabaatiif Irreechi Hora Finfinnee wayita kabajannu, abbootii fi haadholiin Oromoo dhaloota har’aa xiiqii dhaalchisan, qabsoo ilmaan isaaniitiin afuura fudhachuun boqatu.

Kun ammoo Oromoon rakkoo kamiifuu osoo hin jilbiinfatinii fi harka osoo hin kennatin qabsaa’aa turuu isaatiin injifannoo gonfatee dha. Oromoon bara kamuu keessa ‘har’aaf qofaa’ fi ‘ana qofaaf”, yaada jedhu hin qabu; egeree labataatiif yaadee jiraachaa fi qabsaa’aa tureera. Kan dur seenaa keessatti dhabe amma deeffachaa kan jirus kanumaafii dha.

Injifannoon Oromoo har’aa seenaan awwaalame biqilee, lalisee ba’uu eegaluusaatiif ragaa dha. Oromoon jalqaba yeroo Finfinnee keessaa dhiibamee baafamu akka hin waaqeffanne dhorkame; loon isaa horatti akka hin bobbaaneefi akka baqatu taasifame; lafti irraa saamamee ilmaan isaas akka godaanan dirqisiifame. Bu’aabahiifi irraangadeen qabsoo Oromoo heddummaatus seenaan isaa awwaalamee hin hafne.

Oromoon waggaa dheeraan booda Finfinneetti deebi’ee irreeffachuun, qabsoon isaa firii gaggaarii buusaa akka jiru mul’isa. Oromoon Finfinnee Caffee Tuulamaatii Tufaa Munaatin, Birbirsa Goorootii Qajeelaa Dooyyootiin, Teechoodhaa Guddataa Araddootiin, Booleedhaa Shabbuu Ejersaatiin, Boolee Bulbulaatii Soraa Lumeetiin, Kolfeedhaa Qaxalee Jaataniitiin, Daalattiidhaa Jamoo Dabaleetiin, Jaarsayeetii Galatee Isheeteetiin, Ekkaadhaa Habeebee Tufaatiin durfamee Irreecha Birraa malkaatti, Irreecha Arfaasaammoo tulluutti ba’uudhaan irreeffataa tureera.

Irreechi Malkaa Finfinnee yaadannoo akaakileefi abaabileeti. Dhugaa lallabnee, dhugaaf dhaabbannee, dhugaa kan itti himannuu dha. Dhugaafis ragaa kan itti baasifannuu dha. Biyya waliin qabaannus ardaan kan abbaati.

Ardaa yaa cimsinu; qabeenya keenya yaa kunuunsinu; xiin-sammuu dhalootaa yaa ijaarru. Jibbarraa fagaannee, hammannee haqa keenya seenaafi seeraaf falmaa seeraan yaa bullu jechuu dha. Waadaa wareegamtootaa eegnee Oromiyaa yaa ijaarru dhaamsa jedhus qaba.

Oromoon kaleessa roorroo hamtuu fi dukkana cillimii san keessatti jabaatee ifa hardhaa nu argineen akka geenyu kan tahe Aadaan bula; Wal mari’ata , wal dhagaha, Ijaarama qaba, Xiqqaatu guddaa kabaja, Guddaatu xiqqaa sirnaaf duudhaa barsiifatee qajeeltoo jiruu godhata.

Oromoon “Dhugaan ilma Waaqaati” jedha. Dhugaa deeffanne tiikfannee Tokkummaa Oromoo yaa cimsannu. Gara dhugaatti deebinee ardaa keenya yaa tikfannu. Wal yaa jaal’annu, waliif yaa howwaannu. Wal-bira dhaabbannee tokkummaa keenya yaa cimsannu. Kana goonaan duudhaan Orom-ganamaa bakkatti deebi’a. kabajaafi sodaatamuun keenyas ni guddata dhaamsa jedhun qaba.

Oromoon akka gurmuu kannisaatti gara Hora Finfinneetti wayita timmisu arguun olitti waan hawwiin eeggamuufi nama gammachiisu hin jiru. Injifannoon kabaja ayyaana kanaatiin ummatichi gonfates kan calqabaa yoo ta’e malee, xumura bu’aa qabsoo Oromoo miti. Hanguma barri injifannoo arguu ummatichaa dheerate, gaaffiiwwan rog-daneeyyii qabsoo Oromoo bubbulanis baay’ee dha.

Kanaafuu, dhangaa injifannoo milkeeffanne dhandhamachaa karaa fagoo deemuuf i bu’aa ba’ii nu eeggatan hunda sakattaanee, injifannoofi milkaa’inaan xumuruuf guyyaan itti waadaa keenya haaroomsinu ta’a.

Waadaan kun dhaadannoo bira darbee kutannoo, miira bira darbee ejjennoo, gumii bira darbee gamtaa cimaa, hojii galgala tokkoo taree murtii guyyaa gara guyyaa kan barbaadu ta’uun isaa dhaloota hundaan qabatamuu kan qabuu dha.

Boqonnaan irra geenye kun hedduu murteessaa dha. Dhaloonni har’aa uffata aadaa isaatiin faayamee, sagalee misiraachoo dhageessisaa Adaamii hanga Garbiitti, Lumeerraa hanga Malkaa Qobosheetti, Qaaleerraa hanga Qarsaatti, Sokorruurraa Sulula Garbii qaxxaamuree hanga Tulluu Daalattiitti, Waayyuun gadi bu’ee, waddeessa qaari’ee, Birbirsa Gooroo keessa darbuun mataan isaa Hora Finfinnee tuqee wayita qillisu arguun olitti har’atti gammachuun addaa hin jiru.

Irreechi sirna addaa namni umriin, koorniyaan, ilaalcha siyaasaan, sabaa fi waan kamiinuu osoo adda hin qoodamin baay’inaan irratti hirmaatu tahuu isaatiin addunyaarratti adda, duudhaan isaas guddaa dha.

Ayyaana kanarratti biyya keessaa fi alaa namoonni miiliyoona 10tti siiqantu hirmaata. Kun ammoo qabeenya guddaa dha. Gara dinagdeetti geeddaramuus qaba. Carraa kanatti fayyadamnee Abbummaa Oromoo beeksifachaa, madda tuuriizimii keenyaa ballifachuu qabna.

Dandeettii baay’ina namaa hamma biyya xixiqqoo lamaa sadihii gahu kana keessummeessuuf tooftaa madda galiifi gabaa mijeeffachuu, muuxannoo gaggaarii qooddachuun carraa hojiitti jijjiirree itti fufiinsa ijaarsa Oromiyaatiif yaa fayyadamnu.

Tokko taanee wayita baanu dirree qabsoo hundarratti akka injifannu argineerra. Shira nurratti xaxamu kamuu fashaleessuu akka dandeenyu qabatamaan agarsiifneerra. Muuxannoon keenya waggoottan lamaan sadan darbanii kan mul’isus kanumaa dha.

Ammas waan walabummaafi birmadummaa keenya qoran hedduutu jira. Isaan hunduu nu gufachiisuu hin danda’an. Kan Oromoon Cabuu danda’u yoo hiyyummaa ofirra bubbulchinee fi faffacaane qofa. Kanaafuu, diina keenya isa guddaa kan ta’e hiyyummaa injifachuuf hojjechuutu nurra jiraata. Aadaa hojii keenya fooy’essuun dirree misoomaa hundarratti bobbaanee injifachuuf xiiqa’uu qabna.

Kun ammoo qeenxeedhaan fiiguun osoo hin tahin gamtaa cimsuun dhugooma. Ijaaramuun yoo sochoone fala argata. Wal utubuun irra aanna. Kanaafuu guyyaan kun guyyaa tokkummaa keenya caalaatti itti cimsannu akka nuuf tahu abdii guddaan qaba.

Kanuma faana, nageenya naannoofi biyya keenyaatiif waardiyyaa ta’uudhaan humnoota injifannoo keenya gufachiisuuf hojjetan dura dhaabbachuun qaanessuu qabna. Hanga libsuu ijaatiif of dagachuu hin qabnu.

Bakka nageenyi hin jirretti injifannoon harka keenya gale itituu, injifannoon dabalataa galmaa’uun kan yaadamu miti. Kanaafuu, irree gamtoomeen nageenya keenya yaa mirkaneessinu dhaamsa jedhun dabarsa.

Hawwiin koo dabalataa, Irreechi bara kanaa kan boqonnaa haaraatti ittiin ceenuu fi injifannoorratti injifannoo dabalannu nuuf yaa ta’un jedha.

Barri kun dirree hojii keenya hundarratti kan itti milkoofnuufi abdii haaraa kan itti horannu nuuf yaa ta’u.
Tolaa nutti yaa qabu, hamtuu nurraa yaa qabu. Kabaja ayyaanichaarrattis tokkummaa, jaalalli, waliin jireenyi ummattoota keenyaa caalmaatti daraaree yaa ba’u.
Irreeffattoonni nagayaan ba’aa, Nagayaan Galaa.

Oromiyaa Ni Ijaarra, Itoophiyaa Ni utubna, Gaanfa Afrikaa Ni Boqochiifna!!!
Horaa Bulaa, Deebanaa!!!

Obbo Shimallis Abdiisaa P/I/A/ Mootummaan Naannoo Oromiyaa
Fulbaana 2012
Finfinnee

Facebook Comments