Hariiroon siyaasaa fi hawaasummaa gama diinagdeetinis akka cimu hojjetamaa jira

Itiyoophiyaa fi Suudaan Kibbaa

Hariiroon siyaasaa fi hawaasummaa biyyoota lameenii gama diinagdeetinis akka cehuuf hojjetamaa jiraachuu Pireezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayardiit himan.

Pireezidaantichi Ambaasaaddara guutuu Ityoophiyaa Tafarii Taaddasaa fi pireezdaantii Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Baacaa Giinaa waajjira isaaniitti simachuun mariisisan.

Image may contain: 2 people, people standing

Pireezdaant Saalvaa Kiir Maayardiit Ityoophiyaan bilisummaa biyya isaanitiif gumaacha olaanaa taasisuu ibsaniiru.

Hariiroon siyaasaa fi hawaasummaa gama diinagdeetinis akka cimu hojjetamaa jiraachuu ibsanii, tumsichi akka cimu gaafataniiru.

Pireezdaantiin baankii Daldala Itiyoophiyaa obbo Baacaa Giinaan baankichi hariiroo diinagdee biyyoota lamaanii cimsuu keessatti ga’eesaa ni ba’ata jedhaniiru.

Hanga yoonaattis piroojektoota misoomaa Sudaan Kibbaarratti qorannaa gaggeessaa turuun hojiirra oolchuuf qophaa’uu ibsaniiru.

Piroojektoota kanneenis Sudaanitti Imbaasii Ityoophiyaa fi Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa waliin tumsaan kan hojjetu ta’a jedhan obbo Baacaan.

Facebook Comments