Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Harsadee karaa nagaa fi tasgabbiin xummuramuusaatti kan gammadan ta’uu Jiraattoonni Godina Gujii dubbatan. I

Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Harsadee karaa nagaa fi tasgabbiin xummuramuusaatti kan gammadan ta’uu Jiraattoonni Godina Gujii dubbatan. I

Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Harsadee karaa nagaa fi tasgabbiin xummuramuusaatti kan gammadan ta’uu Jiraattoonni Godina Gujii dubbatan.
Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Harsadee karaa nagaa fi tasgabbiin xummuramuusaa akka isaan gammachiise jiraattoonni, Godina Gujii himaniiru.
Irreechi nagaa ,tokkummaa fi badhaadhina ta’uu isaa caalaatti kan itti mirkaana’eedhas jedhan.
Irreechi baranaa irraatti sabaa fi sab-lammoonni biyyatti irratti hirmaachuunsaanii, Irreechi tokkummaa fi walitti dhufeenya ummattoottaa daran cimse ta’uus dubbatan.
Irreechi nagaan eegalamee akka xummuramuuf Qeerroo, qarree fi qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojii hojjetanis galateeffatan.
Tokkummaa fi gamtaan irreechaarratti mul’ate hojii misoomaa fi nageenya irratti jabaatee itti fufuu qabas jedhaniiru.
OBN Sagaleen Ummataa qophii Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadii tamsaasa kallattiin nuun ga’uusaatiifis galateeffataniiru.Jiksaa Takileetu gabaase.

Facebook Comments