Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Harsadii nagayaan jalqabame nagayaan akka xumuramuuf hunduu tumsuu qaba jedhan Ministeerri Muummee Dr.Abiyyi AhImad

Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Harsadii nagayaan jalqabame nagayaan akka xumuramuuf hunduu tumsuu qaba jedhan Ministeerri Muummee Dr.Abiyyi AhImad

Irreechi Hora Finfinnee fi Hora Harsadii nagayaan jalqabame nagayaan akka xumuramuuf warri Oromoo Jaalatanii fi warri Oromoof quuqaman tumsuu akka qaban Ministirri Muummee Dr.Abiy Ahimad dhaaman.
Dr.Abiyyi Ahimad OBN waliin addatti gaaf-deebii godhaniin injifannoo argameen Umanni Oromoo bilisummaa sammuu,fedhii,yaadaa fi eenyummaa isaa shakkii tokko malee ibsachuu danda’uusaa eeranii,Irreechi Oromoo dhimma addunyaatti muldhatu tahuu beeknee ,Oromoonni hundi Irreechi nagayaan jalqabamee nagayaan akka xumuramuuf tumsa olaanaa gochuu qabu jedhaniiru.
Irreechi sirna Gadaa keessatti aadaa eenyummaa keenyaati kan jedhan Dr.Abiyyi,Irreecha dhimma siyaasaaf oolchuunis sirrii miti jedhaniiru.
Irreechi sirna nagayaa fi galataati kan jedhan Dr.Abiyyi, siyaasi itti galuu akka hin qabnees dhaamaniiru.
‘’Oromoon kan Itoophiyaati,Itoophiyaanis kan Orommoti’’ kan jedhan Ministerri Muummee,Saboonni,Sabalamoonnii fi Ummatoonni Itophiyaa ayyaanni Irreechaa kan isaanis ta’uu baranii, Oromoo wajjiin kabajuu akka qabanis dhaamaniiru.
Sabbonummaan Oromummaa sabonummaa Itophiyaa waliin akka wal hin makannee fi waliis hin saamne Dr.Abiyyi dubbataniiru.

Facebook Comments