Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii ‘Yaprak Alp’Uummata Oromoo maraan baga Ayyaana Irreechaa nagaan geessan jedhan.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii 'Yaprak Alp'Uummata Oromoo maraan baga Ayyaana Irreechaa nagaan geessan jedhan.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii ‘Yaprak Alp’Uummata Oromoo maraan baga Ayyaana Irreechaa nagaan geessan jedhan.
Itiyoophiyaa fi Turkiin walitti dhufeenya yeroo dheeraa akka qabanii fi biyyi isaanii imbaasii ishee jalqabaa biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadii keessaa Finfinneetti akka bantes himan.
Walitti dhufeenyi daldalaa fi investimantii biyyoota lamaanii cimaa akka ta’eefii kaampaanonni 200 taa’an Itiyoophiyaa keessatti hojii garaa garaarratti bobbaa’anii akka jiranis dubbatan.
Kanaanis lammiilee kuma 25 taa’aniif carraan hojii akka uumame himan.
Gama siyaasaa fi diinagdeen hojii Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahmad hojjechaa jiran dinqisiifachuun, biyyi isaaniis deeggarsa gama ishee akka gootus ibsan.Akaaluu Baqqalaatu gabaase.

Facebook Comments