Jiraattoonni Magaalaa Buraayyuu keessummoota irreecha hora Finfinnee fi Hora Harsadeetti irreeffachuuf karra Gafarsaatiin dhufan simachuuf qopheeffaneerraa jedhan.

Jala bultii ayyaana irreechaa bara kanaa sababeeffachuun baazaariin hanga Fulbaana 24, 2012tti turu Magaalichatti banameera.

Irreechi hora Finfinnee jaarraa tokkoo fi walkkaan booda irreeffatamu irratti hirmaachuuf namoota dhufan simachguuf qophiin barbaachisu taasifamaa jira.

Jiraattoonni magaalaa Buraayyuutiis namoota Hora Finfinnee fi Hora Harsadeetti irreeffatan simachuuf qophaa’uu isaanii ibsaniiru.

Irreechi Hora Finfinnee jaarraa walakkaan booda irreefatamuun isaa gammachuu guddaa kan uumeef ta’uudha jiraattoonni kunneen kan dubbatan.

Irreechi bara kanaa irreecha tokkummaa fi jaalalli itti ibsamu akka ta’e kantiibaan magaalaa Buraayyuu obboo Salamoon Fayyee ibsaniiru.

Namoota godinaalee wallagga Afran fi Shawaa Lixaa irraa karra Gafarsaatiin irreeffannaaf gara magaalaa Finfinneetti imalan simachuiufiis bulchiinsi magaalichaa qophii barbaachisu hunda godheera jedhaniiru.

Girmaa Hundeetu gabaase.

Facebook Comments