Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 injifatan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 injifatan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 injifatan.

Tumsa idil addunyaa fi nageenya naannoof ga’ee olaanaa taphataniin badhaasicha injifataniiru.

Dr. Abiyyi hariiroo Itiyoophiyaa fi Eertiraa waggoota 20f adda citee ture haaromsuu, rakkoon Sudaan nagayaan akka hiikamu, humnoonni Sudaan Kibbaa mariidhan biyya isaanii akka tasgabbeessan, Eertiraa fi Jibuutii, Soomaaliyaa fi Keeniyaan garaagartee isaanii nagayaan akka hiikan, mariidhaf minjaalatti akka deebi’an ga’ee olaanaa taphataniin badhaasicha injifataniiru.

Dabalataan biyyoonni ollaa nageenya akka qabaatanii fi biyya keessattis nageenyi akka uumamu gumaacha olaanaa ba’ataniiru.

Muummee ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa nageenyaa Noobeelii injifachuu koreen Noorweejiyaanii har’a ifoomsera.

Dura teessuun Koree Noobeelii Noorweejiyaan, Beeriit Reeyis-Aandarsan Dooktar Abiyyi badhaasicha injifachuu beeksisaniiru.

Badhaasichaaf muummee ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad, aktiiviistiin qabeenya qilleensaa umrii waggaa 16 lammii Siwiidiin Giriittaa Tuumbargi, ogeessi eegumsa naannoo Biraaziil Ooraanii Meetuuktayirii fi dhaabbanni mirga odeeffannoo fi pireesiirratti hojjetu Riippoortars Wiizaawut Boordarsi kaadhimmummaan dhiyaataniit turan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergavhoggansatti dhufanii badhaasota hedduu argataniiru.

Facebook Comments