Manni Maree ADWUI walitti makamuu paartii raggaasisuusaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Manni Maree ADWUI walitti makamuu paartii raggaasisuusaa

Manni Maree ADWUI walitti makamuu paartii raggaasisuusaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Fuula Feesbuukii isaanirraatti Dr.Abiyyi akka barreessanitti Koree Hojii raawwachiiftuun kan ragga’e sagantaan paartichaa fi Mana Mareen kan ragga’e walitti makamuu paartiichaa, humna kuufachuun socho’uunis mul’ata waliinii milkeessuuf tarkaanfii murteessaadha jedhan.

Karaa paartii Badhaadhinaan lammiileen biyya guddoo kanaa sirna federaalizimii jabaa, sab-daneessummaa kabajuu fi haqaan hojjetu uumuuf kutannee kaaneerra jedhaniiru Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad.

Paarttiin Badhaadhinaa tokkummaa sab -daneessummaa bu ‘uureffateenis kan utubamu tahuus himaniiru.

Facebook Comments