Ministirri Muummee Israa’eeli Beenjaamiin Neetaanyaahu malaanmaltummaan himataman

Beenjaamiin Neetaanyaahu malaanmaltummaan himataman

Ministirri Muummee Israa’eeli Beenjaamiin Neetaanyaahu malaanmaltummaan himataman.

Abbaan alangaa walii galaa Isaar’el Ministira Muummee Beenjaamiin Neetaanyaahun malaanmaltummaa, waliin dhahuu fi imaanaa itti kenname hanqisuun himatamaniiru.

Qondaalli kuni namoota biizinasii gurguddaa sochoosan irraa kennaa fudhachuunii fi miidiyaan akka hin gabaasne gochuun kan himataman.
Neetaanyaahun garuu yakka kana hin hojjanne jechuun haalaniiru.
Aangoorra akka gad hin dhiifneefi kana gochuufis akka hin dirqamne dubbataniiru.Madda: BBC.

Facebook Comments