Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad paartilee morkattootaa waliin mari’atan.

OBN Sad. 4,2012- Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad Paartileen Siyaasaa naannolee hojii siyaasaa isaanii hojjetan keessatti karaa nagaa fi tasgabbii qabuun ta’uu akka qabu hubachiisan.

 

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad har’a waajjira isaanitti hooggantoota Paartilee siyaasaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa waliin mari’atan.

Rakkoo nageenyaa muudataa jiru kanaanis lubbuun lammiilee darbaa kan jiruu fi qabeenyi hedduunis barbada’aa jiraachuun isaa yaaddeessaa ta’aa dhufeera.

Walgahiin kunis naannolee lamaanitti rakkoon nageenyaa cimaa dhufuu isaa sababeeffachuuni jedhame.

Mariin kunis Paartileen morkattootaa nageenya buusuu fi hiree fuula duraa biyyattii irratti marii mari’atamuuf jalqabbiidha jedhame. Maddi:- Waajjira ministeera muummee.
ጠ/ሚር ዐቢይ አሕመድ የዉይይቱ መክፋቻ ላይ ያደረጉት ንግግር: https://bit.ly/2KlqTMV

Facebook Comments