Baankiin Gamtaa Oromiyaa Dameesaa dhalarraa Bilisa ta’e 5ffaasaa banate.

Baankiin Gamtaa Oromiyaa Dameesaa dhalarraa Bilisa ta'e 5ffaasaa banate.

 

 

OBN Amajjii 4,2012-Baankiin Gamtaa Oromiyaa Damee dhalarraa bilisa tahe isa 5ffaasaa Magaalaa Dirree Dhawaatti banate.

Baankichi yeroo ammaa Kaappitaala Birrii Biiliyoona 41 gahachuusaa Pirezedaantiin Baankichaa,Obbo Darribee Asfaawu Hurrisaa kan himan.

Baankiin kun qabeenya qonnaan bulaan kan jalqabee fi yeroo ammaa maammilootaa fi dameelee isaa hawaasatti dhiyeessuun baankiilee dhunfaa biyyattii keessaa isa duraatiis jedhame.

Baankii dhalarraa bilisa tahe banuun hawaasa Baha Itiyoophiyaa harki caalan hordoftoota amantaa muslimaa tahaniif gumaacha olaanaa qaba jedhameera.

Baankiin Gamtaa Oromiyaa bara 1996 Kaappitaala Birrii Miiliyoona 100 fi 13’n hojii eegale.

Yeroo ammaa biyyattii keessatti dameelee 409 qaba.Faamii Abduramaantu gabaase.

Facebook Comments