Biyyoonni sadeen yaaddoo nageenya isaanii to’achuuf karoora baafatan

OBN Amajjii 19, 2012 – Itiyoophiyaa, Ertiraafi Somaaliyaan yaaddoo nageenyaasaanii maqsuuf karoora baafatan.

Biyyoonni Gaanfa Afrikaa Sadeen Itiyoophiyaa, Ertiraafi Somaaliyaan nageenya isaaniirratti yaaddoo qaban akkaataa maqsuu danda’an irratti karoora baafatan.

Magaalaa gudditti Ertiraa Asmaraatti kan wal ga’anii turan bulchitoonni biyyoota kunneen sadanii dhimmoota nageenyaafi misoomaa irratti mariyachuu isaaniillee ibsaniiru.

Marii dhimma nageenyaa irratti mariyataniin wantoota akka shorokkeessummaa, daddabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaafi namootaa akkasumas qorichoota sammuu namaa hadochanii kaasuun yaaddoodha jedhaman waliin ta’uun maqsuudhaaf karoora baafataniiru.

Akka Ministeerri Odeeffannoo Ertiraa beeksisetti dhimmoota nageenyaafi misoomaa kanaan dura irratti waliin hojjechuuf walii galanii turan irratti fuullefate mariichi.

Gaggeessitoonni biyyoota sadanii bara 2018 keessa waliigaltee mallatteessanii turan hojiitti jijjiiruudhaaf murannoo akka qaban ammoo ministirri muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad fuula Tiwiitera isaaniirratti beeksisaniiru.

Gaggeessitoonni biyoota sadanii wantoota biyyoota isaanii keessa jiru, michooma biyyoota sadanii akkasumas sochii misooma Gaanfa Afrikaa irratti gadi fageenyaan mariyataniiru jechuun fuula marsariitii ministeera odeeffannoo Ertiraa irratti baheera.

Gaggeessitoonni biyoota sadanii karoora misoomaa waloo 2020 nagaafi tasgabbii, akkasumas misooma dinagdeefi hawaasummaa milkeessuu danda’a jedhan waliin karoorfataniiru jechuun BBCn gabaaseera.

Facebook Comments