Dr.Abiyyi Ahimad misooma magariisaa qarqara lageenii naannoo Hoteela Sharaatanitti deeggarsa Mootummaa Chaayinaatin hojjetamaa jiru daawwachaa jiru

Dr.Abiyyi pirojeektii shaggar daawwachaa jiru.

Dr.Abiyyi Ahimad misooma magariisaa qarqara lageenii naannoo Hoteela Sharaatanitti deeggarsa Mootummaa Chaayinaatin hojjetamaa jiru daawwachaa jiru

OBN Mudde 22,2012-Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad misooma magariisaa qarqara lageenii naannoo Hoteela Sharaatanitti deeggarsa Mootummaa Chaayinaatin hojjetamaa jiru daawwachaa jiru.

Pirojeektiin kun qaama misooma magariisaa fi qarqara lageenii magaalaa Finfinnee; kiilo meetira 12 dheeratudha.

Pirojeektiin kun Fulbaana 20,2012 ture muummee ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Saanji’oonin dhagaan bu’uuraa kan kaa’ame.

Akka gabaasa FBC tti Ogeeyyiin Chaayinaa Amajjii 2011 pirojeekticha irratti erga qoratanii booda Ebila 2011 ture hojjechuuf waliigaltee kan mallatteessan.

Wayita sana Dr.Abiyyi Ahimad fi muummee ministiraa Chaayinaa Liikiichiyaang turan waliigalticha kan mallatteessan.

Facebook Comments