Lammileen Itiyoophiyaa afur vaayirasii Koronaa Chaayinaatti muldhateen shakkamanii hordoffiin irratti godhamaa akka jiru Ministeerri Fayyaa beeksise.

Lammileen Itiyoophiyaa afur vaayirasii Koronaa

Lammileen Itiyoophiyaa afur vaayirasii Koronaa Chaayinaatti muldhateen shakkamanii hordoffiin irratti godhamaa akka jiru Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa guyyaa har’aa ibsa waliin kennaniin, vaayirasiin Koroonaa gara Itiyoophiyaa akka hin galleef sochii godhamaa tureen, lammileen Itiyoophiyaa afur vaayirasichaan qabamaniiru jedhame shakkamuun horoffiin iratti godhamaa jira.

Dhukkubichi Chaayinarraa kahuun biyyoota gara garaatti tamsa’aa waan jiruuf, imaltoota karaa Daandii Xayyaara Itiyoophiyaatiin imalan irratti hoiin iskiriinigii hojjeetamaa jiraachuunis himameera.

Lammileen Vaayirasii Koroonaatiin Shakkamani irratti hodoffiin godhamaa ture afur keessaa,lameen isaaniirratti qorannoon yaala fayyaa erga godhame booda gadi lakkifamaniiru.

Facebook Comments