Yunvarsiitin Dirree Dhawaa barattoota rakkoo naamusaa qaban jedherratti tarkaanfii fudhate.

Yunvarsiitin Dirree Dhawaa barattoota rakkoo naamusaa qaban jedherratti tarkaanfii fudhate.

 

 

OBN Amajji 07,2012-Yunvarsiitin Dirree Dhawaa barattoota rakkoo naamusaa qaban jedherratti tarkaanfii fudhate.

Seeneetiin Yunvarsiitichaa walga’ii ariifachiisaa Mudde 27,2012 taa’een  tarkaanfin naamusaa akka fudhatamu murteessee ture.

Haaluma kanaanis  barattoota 69 qulqullaa’ee tarkaanfin kan fudhatamu ta’uu beeksisee ture.

Seeneetichi Amajjii 6,2012 walga’ii ariifachiisaa taa’een barattoota 51 irratti murtee dabarseera.

Odeeffannoon Yunarsiitichaarraa argame akka mul’isutti,Barattoota 42f akeekkachiisa barreeffamaa isa  dhumaa,barattoota 7 tokkoon tokkoonsaanii waggaa tokko tokkoon yoo adabaman barattoota 2 irratti ammoo waggaa 2f barnootarraa akka ittifaman murtaa’eera.

Facebook Comments