Dr.Abiyyi Ahimad lammiilee Itiyoophiyaa Giddu Gala Bahaa jiran waliin mari’achuuf Yuunaayitid Arab Emereet,Abuu Dhaabii galanii jiru.

Dr.Abiyyi Ahimad lammiilee Itiyoophiyaa Giddu Gala Bahaa jiran waliin

Dr.Abiyyi Ahimad lammiilee Itiyoophiyaa Giddu Gala Bahaa jiran waliin mari’achuuf Yuunaayitid Arab Emereet,Abuu Dhaabii galanii jiru.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi ahimad wayita Buufata xiyyaara idil-Addunyaa Abudaabii gahan Ministirri Dhimma alaa Yunaayitid Arab Imireet Sheeh Abdallaa Biin Zaayiid simataniiru.

lammiileen Itiyoophiyaa Yuunaayitid Arab Emeeret jiraatan dabalatee Sawud Arabiyaa, Libaanoon, Kuweet, Omaan fi Baahireen irraa Waltajjicharratti argamuuf Yuunaayitid Arab Emereet galaa jiru.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Guraandhala 6 magaalaa Dubaay Istaadiyeemii Al-maktuum kilabii Shabaab Al-Ahiliitti lammiilee Itiyoophiyaa kuma 15tti hiiqaniif ergaa akka dabarsan eegama.

Akaaluu Baqqalaatu gabaase.

Facebook Comments