Faawundeeshiniin Biil Endi Meeliindaa Geetis hoomaa Awwaannisaa ittisuuf deeggarsa taasise

OBN Gurraandhala 17, 2012 – Faawundeeshiniin Biil Endi Meeliindaa Geetis hoomaa Awwaannisaa ittisuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 10 taasise.

Faawundeeshiniin Biil Endi Meeliindaa Geetis weerara hoomaa Awwaannisaa ittisuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 10 Baha Afrikaaf taasise.

Deeggasrsi kun weerara hoomaa Awwaannisaafi rakkoo namoomaa naannichaa ittisuuf kan oolu akka ta’e ibsameera.
Itiyoophiyaa,Keeniyaa fi Soomaaliyaan deeggarsa kanarraa fayyadamoo ta’us jedhameera.

Sosochii weerara hoomaa Awwaannisaa biyyoota kanneenii ittisuuf taasifamaa jiru milkeessuuf deeggarsi kun gahee olaanaa qaba jedhameera.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa (FAOn) deeggarsa Faawundeeshiiniinin Meeliindaa Geetis taasise galateeffateera.

Weerarri kun Itiyoophiyaa fi Soomaaliyaatti waggoota 25 as, Keeniyaatti ammoo waggoottaan 70 as isa hammaatadha jedhame.

Hoomaan Awwaannisaa xiqqoon yeroo tokkotti midhaan namoota kuma 35 ga’uu danda’u barbaadeessuu danda’as jedhame.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa hanqina nyaataa naannicha mudatu ittisuuf baajata Doolaara miiliyoona 76 irraa gara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 38tti guddisuu isaa ibseera jechuun The South African gabaaseera.

Facebook Comments