Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad preezdaantii itti aanaa, itti aanaa Ministiira Muummee Sheek Mahaammad Biin Rashiid Al Maktuum waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad preezdaantii itti aanaa, itti aanaa Ministiira Muummee Emmireetota Arabaa Gamtoomanii fi bulchaa Duubaay, Sheek Mahaammad Biin Rashiid Al Maktuum waliin mari’ataniiru.

Sheek Mahaammad Biin Rashiid Al Maktuum tattaaffii Dr. Abiyyi Ityoophiyaa fi Afrikaatti jijjiirramaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf taasisan dinqisiifachuun, hojii isaanii kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Marii Duubaayitti gaggeessaniin gaaffilee fi rakkoolee lammiileen Itiyoophiyaa Emmireetota Arabaa Gamtoomanii keessa jiraatan qaban haala furuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Dr. Abiyyi marii lammiilee Itiyoophiyaa fi bakka buutota waliin taasisan irratti gaaffilee ka’an, Sheek Mahaammad Biin Rashiid Al Maktuumiif dhiyeessaniiru.

Dr. Abiyyi eeyyama hojii, iddoolee waaqeffannaa, ijaarsa manneen barnootaa fi dhimmoota walfakkaatanirratti gaaffilee lammiileen Itiyoophiyaa kaasan qaama dhimmi ilaalu waliin kan mari’atan ta’uu waadaa galanii turan.

Marii gaggeessanis Abuudaabiitti Mana Amantaa Ortodooksii Ityoophiyaaf iddoon ijaarsaa eeyyamamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni muul’isa.

Facebook Comments