Nuti nama hojii hojjetu duukaa hiriirra

Nama arrabsuudhaan Oromoo

Nuti nama hojii hojjetu duukaa hiriirra

OBN Gurraandhala 18, 2012 – Nama arrabsuudhaan, Oromoo of-duukaa hiriirsisuun hin danda’amu jedhan jiraattoonni Magaalaa Gimbii.

Jiraattoonni Magaalaa Gimbii Naanawaa ishee Deeggarsa ministira muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad fi Paartii badhaadhinaaf qaban hiriira bahuun agarsiisan.

Nuti namaa hojii hojjetu duukaa hiriirra malee kan nama arrabsaa oolu duukaa hin dhaabbannu jedhan

Ummanni keenyaa kan misooma, nageenya jaalatu waan ta’eef, guddina fi nageenya biyya keenyaatti gufuu kan ta’u hundaa ni balaaleffanna jedhan jiraattoonni magaalaa Gimbii.

Kaayyoo paartii badhaadhinaa deeggaruudhaan, biyyaa badhaatee, dhaloota egereef taatu ni ijaarra  jedhan jiraattoonni kunniin.

ministirri muummee Dr.Abiyyi hoogganaa jijjirama qabatamaan fidaa jiran waan ta’eef, deeggarsa keenya cimsinee itti fufna jedhan.

Nama arrabsuudhaan ijifannoon dhufu waan hin jirreef, paartileen imaammata isaanii ummatatti dhiheeffachuun mo’achuuf hojjechuu qabu jedhan.

Facebook Comments