Misseensonni Caffee Oromiyaa Pirojeektii shaggar daawwatan.

Oromoon falaasama ida’amuutiin

Misseensonni Caffee Oromiyaa Pirojeektii shaggar daawwatan.

OBN Gur.12,2012- Miseensoonni Caffee Oromiyaa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa fi Pirojeektii shaggar daawwatan.

Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo fi Hooggantuu Waajjira Ministira Muummee Itiyoophiyaa Aadde Dammituu Hambisaatiin durfamu miseensota Caffee Oromiyaa waliin Magaalaa Finfinneetti Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa fi Pirojeektii shaggar daawwataniiru.

Hambaalee qabnu hawwata tuurizimiif oolchuun guddina diinagdee biyya keenyaa ariifachiisuuf Mootummaan Oromoo keessaa bahee biyya hoogganaa jiru falaasama Ida’amuutiin,  egeree badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu himameera.

Caffee Oromiyaarraa Odeeffanne.

 

Facebook Comments