Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa tatamsa’ina Vaayirasii Koronaa Ittisuuf koree akka naannootti hundeesse.

OBN Bit. 08,2012- Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa tatamsa’ina Vaayirasii Koronaa Ittisuuf koree akka naannootti hundeesse.

Koreen kun hubannaa uumuu fi namoota dhibee kanaan shakkaman wiirtuu itti tuursiisan sadarkaa Godinaalee fi Aanaaleetti diriirsuun uummanni akka hin saaxilamnee gochuuf hojitti galuu beeksiseera.

Pireezidaantiin Mootummaa Naanno Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Vaayirasii Kooronaa ittisuuf mootuummaan sadarkaa hundatti cimee kan hojjatu tahu himan.

Pireezidaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalate aanga’oonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa mala vaayirasii koronaa itti ittisan keessaa sirna harka dhiiqachu raawwataniru.

Balaay Tasammaatu gabaase.

Facebook Comments