Agarsiifni aadaa Gaamoo Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Agarsiifni aadaa Gaamoo Magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti gaggeeffamaa jira.

Agrsiisichi mata duree “ Fakkeenyummaan nageenyaa Abbootii Gaamoo, ijaarsa biyyaaf” jedhuun adeemsifamaa jira.

Qophicharratti Af- yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itiyoophiyaa obbo Taaggasaa Caafoo,Kantiibaa Itti aanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa, Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Waltajjicharratti Magaalaa Finfinnee kan jiraatan dhalattoonni Gaamoo, kutaaleen hawaasaa Godina Gaamoo aanaa kudhan irraa walitti baba’an, ambaasaaddarootni biyyoota garaagaraa, akkasumas namoonni beekamoo fi keessumoonni waamichi taasifamefi argamaniiru.

Sagantaa agarsiisa aadaa kanarratti hirmaattonni kuma 30 ta’an argamaniiru.

FBCtu gabaase.

Facebook Comments