Dargaggoonni Magaalaa Finfinnee deeggarsa tatamsa’ina dhibee vaayirasii koroonaa ittisuuf taasifamu cimsanii akka itti fufan gaafatame

Hojii tatamsa’ina vaayirasii koroonaa ittisuuf taasifamuufi akka tasaa dhibichi yoo babal’ate ittisuuf qophii haalduree godhamu keessatti dargaggoonni Magaalaa Finfinnee gahee isaanii cimsanii akka bahataniif Kantibaan Itti Aanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Takkalaa Uumaa waamicha dhiyeessaniiru.

Ergaa Injiinar Takkalaa Uumaa fuula feesbuukii isaaniin dabarsaniin hojii tola ooltummaa dhibee vaayirasii koroonaa ittisuuf meeshaanis ta’ee maallaqaan taasifamu cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

Injiinar Takkalaan deeggarsa hanga ammaatti taasifameef galata dhiyeessanii, deeggarsi kana fakkaatu gara fuulduraattis cimee akka itti fufuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Facebook Comments