Dhaabbileen adda addaa hojii tatamsa’ina Koroonaa vaayirasii ittisuuf taasisan akka cimsan gaafataman

Dhaabbileen adaa addaa dameelee hojii irratti boba’aniin shoora tatamsa’ina koroonaa vaayirasii ittisuuf taasisan akka cimsan Ministeerri Fayyaa waamicha dhiyeesse.

Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa dhaabbilee hojii tatamsa’ina koroonaa vaayirasii ittisuuf gargaaran keessaa; ergaa isaanii sagaleefi barreeffamaan dabarsuu irratti kan argamu Itiyoo-Teelkoom akka fakkeenyatti kaasaniiru.

Dabalataanis waamicha jiddu galeessaa ministeerichaaf kaampaanii deeggarsa taasisan ministirittiin galateeffataniiru.

Facebook Comments