Itiyoophiyaan ijaarsa Sudaan Kibbaa ammas akka deeggartu gaafatamuun himame.

 Itiyoophiyaan ijaarsa Sudaan Kibbaa

Itiyoophiyaan ijaarsa Sudaan Kibbaa ammas akka deeggartu gaafatamuun himame.

Keeniyaatti Ambasaaddarri Sudaan Kibbaa Chool Dojangoo Itoophiyaan nageenya Sudaan Kibbaatti akka mirkanaa’uuf gahee taasifteef galateeffataniiru.

Ambasaddarichi Imbaasii Itiyoophiyaa Naayiroobii jiru erga daawwatanii booda Keeniyaatti Ambasaaddara Itiyoophiyaa Mallas Alamiin haasofsiisaniiru.

Itiyoophiyaan seenaa Sudaan Kibbaa qabsoo bilisummaarraa hanga nageenya mirkaneessuutti gaheen taphatte salphaa akka hin taane dubbataniiru.

Biyyattiirratti mootummaan tokkummaa biyyaalessaa akka hundaa’uuf gaheen Itoophiyaan taasifte ammas adeemsa ijaarsa irra deebiin taasifamu keessattis deeggarsishee akka itti fufu gaafataniiru.

Ambasaaddar Mallas Alama gamasaaniin nageenyi Sudaan Kibbaa Itiyoophiyaaf murteessaa ta’uu himanii, biyyoonni lamaan waliin hojjechuunis Gaanfa Afrikaaf bu’ura cimaa ta’uusaa himuusaanii odeeffannoon Imbaasicharra argame ni mul’isa.

Facebook Comments