Koomishiniin Poolisii Naannoo Affaar humna addaa ji’oottan afraniif leenjisaa ture eebbisiise.

OBN Gurraandhala 30, 2012 – Koomishiniin Poolisii Naannoo Affaar humna addaa ji’oottan afraniif leenjisaa ture eebbisiise.

Koomishiniin Poolisii Naannoo Affaar humna addaa 858 ta’an ji’oottan afuriif Buufata Leenjii Birri Sheleqoo Raayyaa idileetti leenjisaa ture eebbisiisee jira.

Bakka Koomishinarri Koomishinii Poolisii Naannoo Affaar Alii Diinii argamanitti eebbisiisuu odeeffannoon Dubbi himaa Poolisii Federaalaarraa arganne ni mul’isa.

Kaayyoon isaas filannoo biyyaalessaa 6ffaa Naannichatti gaggeeffamu nagaa qabeessa gochuuf yaadameetis jedhameera.

Hanqina humna namaa ture furuun naageenya Naannichaafi ummataa haala gaariin eeguun olaantummaa seeraa Naannichatti faaraan cimsuuf kan kayyefateedhas jedhameera.

Facebook Comments