Meeshaleen shiishaa kutaalee magaalaatirraa funaanaman gubatan

Meeshaaleen shiishaa Kutaalee Magaalaa Finfinnee Kolfee Qaraani’oo, Nifaas Silkiifi Yaakkaarraa walitti qabame gubachuu Komishiniiniin Poolisii Finfinnee beeksise.

Kutaalee Magaalaa Kolfee Qarani’oo aanaalee adda addaarraa meeshaalee shiishaa kuma sadiifi 87, Nifaas Silkiirraa kuma sadiifi 770fi hashiishii kuntaala sadii, Yakkaatti 120 walitti qabamuun bakka miseensonni poolisii, hawaasaafi hojjettoonni kutaalee magaalaa argamanitti gubameera jechuun Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatu gabaase.

Facebook Comments