Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Magaalaa Finfinnee naannoo Araat kilootti Hoggantoota Bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun duula qulqullina magaalaa iratti qooda fudhataniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Magaalaa Finfinnee naannoo Araat kilootti

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Magaalaa Finfinnee naannoo Araat kilootti Hoggantoota Bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun duula qulqullina magaalaa iratti qooda fudhataniiru.

Duulaa qulqullinaa Magaalaa Finfinnee kanarratti Kantiibaa Itti aanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkala Uumaa fi Ittigaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ,Obbo Tasfaayee Beljigee fi hoggantoonnii jidduu galeessaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee leenjii kaleessa xumuran Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad waliin qooda fudhataniiru.

Fakkeenyummaan hojii hunda akka raawwatanis hoggantonni kunniin dubbataniiru.

Balay Tasammaatu gabaase.

Facebook Comments