Paartiin Badhaadhinaa egeree biyyaa itti fuufsisuuf itti gaafatama dachaa Paartii fudhatedha – Ministiira Muummee D.r Abiy Ahimad.

Paartiin Badhaadhinaa egeree biyyaa itti fuufsisuuf itti gaafatama dachaa Paartii fudhatedha

Paartiin Badhaadhinaa egeree biyyaa itti fuufsisuuf itti gaafatama dachaa Paartii fudhatedha – Ministiira Muummee D.r Abiy Ahimad.

Paarttiin Badhaadhinaa egeree biyyaa itti fuufsisuuf itti gaafatama dachaa Paartii fudhatedha jechuun Ministirri Muummee FDRI fi preezdaantiin Paartii Badhaadhinaa Dr. Abiy Ahimad ibsan.

Paartiin Badhaadhinaa hoggantoota federaalaa fi naannoof leenjii Gurraandhala 17, 2012 eegalee gaggeessa turuun isaa ni yaadatama.

Preezdaantiin Paartii Badhaadhinaa Dr. Abiyyi Ahimad guutuu biyyatti hoggantoota paartii leenjirra turaniif guyyaa kaleessaa dhaamsa dabarsaniiru.

Dhaamsa isaniin Badhaadhinni egeree biyyaa itti fuufsisuuf itti gaafatama dachaa paartii fudhate ta’uu kaasaniiru.

ADWUIn dhaabbata afaan du’aarra ture akka ta’e kan yaadachiisan Preezdaantiin Paartii Badhaadhinaa Dr, Abiyyi Ahimad; humna haaraa, aanniisaa haaraa qabachun paartii ofii isaa akka haaratti hundeessedha jedhaniiru.

Jijjiiramni yeroo ammaa kana akka biyyatti eegalamee guddaa fi ariifatadha jechuun kaasaniiru.

Biyya tokko keessatti dimookiraasiin galma kan ga’u olaantummaa seeraa yoo kabajamedhas jedhan.

Badhaadhinni hanqina yaada hin qabu kan jedhan Dr. Abiyyi yaadoota kana gara hojii qabatamaatti jijjiruun barbaachisadha jechuun dubbataniiru.

Filannoo baranaa haqa qabeessaa fi dimookraatawa akka ta’uuf hunduu ga’ee isaa ba’achuu qabas jedhaniiru.

Ityoophiyaan biyya federaalizimii dhugaa hojiirra oolchitu akka taatuuf Badhaadhinni ciminaan ni hojjeta jechuun himaniiru.

Akka gabaasa FBC tti ,Ka’uumsii fi galmi ida’amuu yaada namarratti taasifatedha kan jedhan preezdaantiin Paartii Badhaadhinaa Dr, Abiyyi “ida’amuun dandii keenyaa Badhaadhinni ammoo galma keenya” jedhaniiru.

Dhimma hidha haaromsaan walqabatee “qabeenya alaa argannuuf jennee kabaja biyya keenyaa dabarsinee hin laatnu” jedhaniiru.

Hidha Guddicha Haroomsa Itiyoophiyaa faayida biyyoota biroo bifa hin miineen xumurree hojirra ni olchina jechuunis dubbataniiru.

Facebook Comments