Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa bakka bu’oota hawaasa Godina Wallaggaa Bahaa fi magaalaa Naqamtee waliin mari’atan.

bakka bu'oota hawaasa Godina Wallaggaa Bahaa fi magaalaa Naqamtee

Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa bakka bu’oota hawaasa Godina Wallaggaa Bahaa fi magaalaa Naqamtee waliin mari’atan.

Bakka bu’oonni hawaasaa kunniin pireezedaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa, yeroo rakkoo kanatti dhufuunsaanii quuqama ummataa kan qaban tahu muldhisa jedhaniiru.
Seenaa keessattis akka addaatti ilaalama jedhan.

Wayita marii bakka bu’oonni hawaasaa kunniin pireezedaant shimallisiif gaaffii adda addaa dhiyeessaniiru.Gaaffilee kahan keessaa bu’uraalee misoomaa yeroon xumuramuu dhabuu,rakkoon hojii dhabdummaa fi nageenyi amansisaan dhibuun kanniin ijoodha.

Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, deebii kennaniin Mootummaan bu’uraalee misomaa jalqabamani hafan barana xumursisuuf xiiqii guddaan hojeechaa jira jedhan.Hojii dhabdummaa godinicha keessatti muldhatu maqsuufis dinagdeen socho’uu akka qabu dubbatan.

Mootummaan godinichatti nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf hojii olaantummaa seeraa kabachisuu eegalee cimsee itti fufas jedhan.Kana dhugomsuu keessatti ummannis qooda isaa akka bahuus dhaamaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaama karaa nagayaatiin socho’u kam waliinuu nagayaan simate waliin hojeechuuf qophiidhas jedhan.

Bakka Bu’oonni hawaasaa Godina Wallaggaa Bahaa fi Magaalaa Naqamtee kunniin xumura mariirratti Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisa fi miseensoota jila isaaniif bullukkoo badhaasaniiru.

Wandimmuu Kabbadaatu Naqamteerraa gabaase.

Facebook Comments