Sirni awwalchaa lammiilee Itoophiyaa tibba darbe Moozambiikitti lubbuun darbanii raawwatame

Sirni awwalchaa lammiilee Itoophiyaa tibba darbe Moozambiikiitti lubbuun darbanii guyyaa har’aa Moozambiikitti raawwatame.

Lammiileen Itoophiyaa 64 konkolaataa fe’uumsaan Maaliirraa gara Moozambiikiitti imalaa turan ukkamamuun tibba darbe lubbuun isaanii darbuun ni yaadatama.

Abbootiin Alangaa Moozambiik akka jedhanitti, lammiileen Itoophiyaa lubbuun isaanii koonteenarii keessatti ukkamamuun darbe guyyaa har’aa sirni awwaalcha isaanii Moozambiikiitti raawwatameera jedhan.

Namoonni lubbuun hafan 14 immoo Moozaambiik keessatti qorannoon taasifameefii dhibee vaayirasii koroonaa irraa bilisa ta’uun isaanii mirkana’eera jechuun BBCn gabaaseera.

Facebook Comments