Yuunvarsiitiin Finfinnee vaayiraasii koroonaa irratti qorannoo taasisuufi

Yuunvarsiitiin Finfinnee vaayiraasii koroonaa irrattii qorannoo taasisuuf Birrii miiliyoona 10 ramaduu beeksise.

Yuunvarsitiichatti gareen vaayiraasii koroonaa irratti qorannoo taasisu guyyaa har’aa hundaa’eera.

Gareen kun hayyoota koollejjiifi dhaabbilee adda addaarraa walitti baba’an kan hirmaachise yoo ta’u, marii isaa guyyaa jalqabaas har’aa taasisee jira.

Guyyaa har’aas baajata ramadame keessaa jalqabbii qorannichaaf kan oolu Birriin miiliyoonni tokko baasii ta’uun garichaaf kennameera.

Gareen qorannichaa dhibee vaayiraasii koroonaa to’achuuf taasifamu irratti argannoo faayidaa qabeessa gumaachuun ga’ee mataa isaa ni ba’a jedhameeti eegama.

Fuula Feesbuukii Yuunvarsiitii Finfinneerraa odeefanne.

Facebook Comments