Balaa weerara vaayirasii koronaa (COVID-19) akkamiin damdamachuu dandeenya?

 Balaa weerara vaayirasii koronaa (COVID-19) akkamiin damdamachuu dandeenya?

Balaa weerara vaayirasii koronaa (COVID-19) akkamiin damdamachuu dandeenya?

Weerarri koronaa amma addunyaa ijibbaachisaa jiru erga biyya keenya seenee torban sadii darbeera.

Erga seenees babal’achaa malee hir’achaa hindeemne. Haala amma biyya keenya keessatti mul’achaa jiruufi addunyaa biroo keessatti arginuun salphaatti weeraricha jalaa yeroo gabaabaatti baana jedhanii eeguun rakkisaadha.

Biyya akka keenyaa hiyyummaafi hanqina bu’uuraalee yaala fayyaafi hakimootaan beekamtu keessatti haa hafuutii, biyyoota guguddoofi teknolojiin fagaatan kanneen akka Ameerikaa, Ispeen, Xaaliyaanii, Jarman, Ingiliz … qormaata keessa galcheera.

Weerara kana balaafamaa kan taasisu gaaga’ama lubbuufi fayyaa irratti dhukkubichi fidu qofa miti. Sanaa oli. Hanga ammaatti akka biyya keenyaatti yoo ilaalle gama gaaga’ama lubbuutiin wanti gahe hinjiru. Waan hanga ammaatti jiruun balaan inni torban sadii keessatti fayyaafi lubbuu irraan gahe kan balaan konkolaataa guyyaa tokkotti qaqqabsiisuu gadi.

Maarree COVID-19 maaltu balaafamaa taasise?
……………………………………………………………….
Balaa weerarri kun hanga ammaatti uumeefi uumuuf jiru keessaa inni hamaan miidhaa xiinsammuuti (psychological impact). Namni yaadaan dhukkubsataadha. Yeroo hunda du’aafi dhukkuba of fuulduratti ilaala.

Balaafamummaan (miidhaan) weerara COVID-19 inni lammaffaan yeroo tokkotti namoonni hedduun yoo qabame dandeettii yaaluu qabnu (hospitaala, meeshaalee yaalaa qaalii ta’an kanneen akka ‘mechanical ventilator,’ meeshaalee ittisaa, baay’ina hakimootaa) waliin walbira qabnee yoo ilaallu hedduu nama yaaddessa.

Yeroon namni osoo ilaalanuu deeggarsa yaalaa osoo hin argatin darbu carraa uumamuu qaba jechuudha. Kun immoo ulfaataadha. Dhukkuboota baramoo biroo yaaluunis rakkisaa ta’a.

Rakkoo cimaan weerarri kun uumu biroon gaaga’ama dinagdeeti (economic crisis). Dhukkubni kun walitti dhiyeenyaan kan daddarbu waan ta’eef namni waliin hin dalagu. Geejjibni akka fedhe hin deemu.

Taaksiin hanga fedhe hin socho’u. Qonnaan/ horsiise bulaan waan qabu magaalaa geessee jiraataa magaalaatti hin gurguratu. Sektaroonni harka qal’eeyyiin keessatti qooda fudhatan yoo hojii dhaaban rakkoo “cittoo irratti fanxoo” jedhan uuma.

Namni hedduun jireenyisaa harkaa gara afaaniiti (hand-to-mouth). Hedduun namaa waan guyyaa hojjetee ooleen irbaata nyaata. Kaan immoo waan golollisa barii hojjeteen waarii ciree nyaata.

Maarree gaaffii guddaan sektaroonni dinagdee kunneen hangamiif cufamanii turuu danda’u? isa jedhuudha. Namni osoo wayi hin dalagatin guyyaa lama ol turuu hin dandeenye heddutu jira.

Dhukkubni kun immoo waan torban tokkoofi lama keessatti keessaa bahuuf jirru hin fakkaatu. Kuni dhiibbaa dinagdee sadarkaa nama dhuunfaatti weerarri koronaa uumuudha.

Akka biyyaatti immoo dhaabbileen dhuunfaa kanneen akka warshaalee kan cufamanii turan yoo ta’e hojjetaan achi hojjetu hojiisaa dhaba. Abbaan qabeenyaa warshaasaa cufee deema.

Kun immoo hanqina maallaqa biyya alaa (foreign currency) kan duruu ture hammeessa. Kun immoo meeshaa alaa bitamu kan akka dawaa(qorichaa) bitachuufuu rakkoo ta’a. Kanaafuu, rakkoo maraammartoo keessa nama galcha.

Hanga ammaattuu dhiibbaan sodaan ‘COVID-19’ dinagdeerratti uume kan waggootaaf nu waliin turu ta’a. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhaabbachuun qofti hangam akka dinagdee hongeessuu malu hubachuun nama hin dhibu.

Biyyoonni akka Ameerikaa, Raashiyaa, UK, .. kuufama qabeenyaa qabaniin waggaa tokkollee yoo balbala cufatan jiraachuu danda’u. Nuti garuu torban tokkoof turuunuu qormaata keessa nu galcha.

Kanaafuu maaltu mala?

1) Weeraricha sirriitti of eeggachuu (ittisuutu) fala. Akka malee sodaachuudhaan baaraguus osoo hin taane; gadi xiqqeessanii tuffatanii ilaaluus osoo hin taane amala isaa baranii irraa of eeguutu fala.

2) Ofirraa ittisuu bira darbee namni dhukkubichaan qabame yoo jiraate hundi akka waan du’uutti yaaduu hin barbaachisu. Hanga ammaatti akka addunyaatti namoota qabaman keessaa kan lubbuun darbu %5 gadi.

Ta’us namni qabame xiin sammuunsaa yoo miidhame, qufaa salphaan illee yoo qabe dhukkubicha damdamachuu dadhabuu mala.

3) Gorsa ogeeyyii fayyaa dhaga’uun barbaachisaadha. Namni bakka deemu hundatti ofis eeggachuu, waan ofii hubatee kanneen biroo hubachiisuu barbaachisa.

4) Imala dheeraa irraa of qusachuun barbaachisaadha.

5) Magaalota dhukkubni kun dursee keessatti mul’ate dhaquu irraa of qusachuu feesisa,

6) Sosochii baadiyyaa gara magaalaatti ta’u hir’isuun gaariidha (yoo haalli dirqisiisaan jiraate malee),

7) Dalagaawwan weerara kana babal’isuuf dhorkaman kanneen akka mana shiishaa, shubbisa galgalaa (night clubs) irraan kan hafe hojiileen idileen osoo hin dhaabbatin of eeggannoo cimaadhaan itti fufuu qabu.

Hojiin qonnaa, daldala, tajaajila ummataa, oomshaafi kkf yoo dhaabbatanii kan turan ta’eefi dhukkubichi yeroo dheeraaf yoo ture gaaga’ama dinagdee hamaa keessa nu galchuun maraammartoo rakkoo (vicious circle problems) keessaa hin baane keessa ummata keenya galchuun balaa yeroo dheeraaf ummata saaxila.

Kanaaf, hojii idilee of eeggannoo guddaan ittifufaa, dhukkubicharraa of eegaa sochii dinagdee itti fufsiisuun dhimma filannoo qabu miti.

Hogganaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa obboo Kabbadaa Deesisaa kan Gaazeexaa Bariisaatiif gumaachan.

Facebook Comments