Hojiin sibiilaa Hidha Haaromsaa guutumaa guututti xumuraumuun himame.

Hojiin sibiilaa Hidha Haaromsaa

Hojiin sibiilaa Hidha Haaromsaa guutumaa guututti xumuraumuun himame.

Hojiin fireemii sibiilaa %100 xumuramuu hoji gaggeessaa olaanaan ijaarsa proojaktii Hidha Haaromsaa Injiinar Kiflee Horroon beeksisan.

Hojiin siiviilii %87, hojiin elektiroo meekaanikaalaa ammoo %46 xumuramuu ibsaniiru.

Injiinar Kiflee Horroon Dhaabbata Preesii Ityoophiyaatti akka himanitti weerarri vaayrasii koroonaa addunyaarratti sodaa uumus, ijaarsi hidhichaa si’aayinaan akka itti fufu seexadhaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Raawwin ijaarsa hidhichaa waliigalaan %73 qaqqabuus ibsaniiru.

Dhiyeessii meeshaaleerratti hanqinni akka hin mudanne karoorfamee hojetamaa jiras jedhan hoji gaggeessichi.

Guutinsi bishaanii Ganna baranaa eegaluuf, bara itti aanutti ammoo humna elektiriikaa maddisiisun akka danda’amu hojjetamaa jira.

Injiinar Kiflee Horroon lammiin hundi ijaarsa hidhichaa dandeettii isaatin tumsuu akka itti fufu gaafataniiru.

Proojaktichi ega eegalamee waggaa 9 lakkoofsisuun hin dagatamu.

Facebook Comments