Koronaa vaayirasiin ‘qormaata guddaa waraanaa addunyaa lammataa booda mudate’-Antooniyoo Guterees.

'qormaata guddaa waraanaa addunyaa lammataa booda mudate'

 

Koronaa vaayirasiin ‘qormaata guddaa waraanaa addunyaa lammataa booda mudate’-Antooniyoo Guterees.

Weerarri koronaa vaayirasii qormaata guddaa waraanaa addunyaa lammataa booda addunyaa mudatedha jedhan barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees.

Kufaatii “yero kamiyyuu waliin hin madaalamne fiduu danda’a” jedhan.

Gabaasi miidhaa hawaas-diinagdee weerarichaa irratti qophaa’e wayita dhiyaatu ture kana kan jedhan.

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 860,000 yoo gahu kan du’an ammoo 42,000 ol taree jira.

Ameerikaa keessatti namoonni 4,000 du’aniiru – kan Chaayinaa keessatti du’aniin oli.

Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii ammoo 188,000 oli.

Akka gabaasa BBCtti,UK’tti namooti 1,789 yoo du’an, ispeen lakkoofsa du’aa olaanaa kan ta’e 849 galmeessiftee jetti.

Facebook Comments