Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad fi Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa qophii biqiltuu bara 2012 akka Oromiyaati taasifamaa jiru daawwatan.

qophii biqiltuu bara 2012 akka Oromiyaat

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad fi Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa qophii biqiltuu bara 2012 akka Oromiyaati taasifamaa jiru daawwatan.

Bara kana akka biyyaatti biqiltuun biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfameera.

Oromiyaatti ammoo buufata biqiltuu 19000tti, biqiltuu biliyoona 4.6 dhaabatuuf qophiin xumurameera.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bara darbe rikardii addunyaa akkuma fooyyeessine, barana ammoo rikardii dhuunfaa keenyaa fooyyeessuuf hojjetamaa jiraa jedhan.

Ummanni biyyaattis rakkoo yeroo ammaa addunyaa mudate dhibee koronaarraa of eegaa, akkuma bara darbee dhaabbii biqiltuu baatii tokko booda eegaluuf qophaa’uu akka qabus dhaamaniiru.

Fayyeeraa Fufaatu gabaase.

Facebook Comments