Ministirrii Muumee Dr.Abiyyi Ahimad Pireezidaanti Ruwaandaa Pool Kaagaame waliin mari’atan.

Ministirrii Muumee Dr.Abiyyi Ahimad Pireezidaanti Ruwaandaa Pool Kaagaame waliin mari'atan

Pireezidaanti Ruwaandaa Pool Kaagaame waliin haala dhiibbaa tattamsa’inni ‘COVID-19’ geessisuu danda’uuf deebii sirrii akkaataa kennuun danda’amurratti hooggansa waloo barbaachisu irratti bilbilaan marii’achuusaanii Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbatan.

Gufuuwwan diinagdee balaa kana booda Afrikaa muudachuu danda’u dandamachuuf carraaqqiin waloo baayyee barbaachisaa akka tahellee ergaa ganama kana fuula feesbuukii isaaniratti barreessaniin dhaamaniiru.

Facebook Comments