Ayyaana Iid Alfaxiir Waggaa 1441ffaa har’a kabajamaa jira

OBN Caamsaa 16, 2012- Ayyaana Iid Alfaxiir Waggaa 1441ffaa har’a kabajamaa jira.

Pireezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa Dursaa Muuftii Hajjii Umar Idriis hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaanicha geessan jechaniiru.

Ayyaanni Iid Al-Faxir bara Hijiraa 1441ffaatiin har’a Masjidaa Anwaaritti kabajamaa jira.

Sababa weerara vaayiraasii Koroonaatiin ayyaanicha bakka tokkotti walitti qabamanee kabajuun waan hin danda’mneef hordoftoonni amantaa Islaamaa mana isaanii taa’anii ayyaanicha akka kabajanis Dursaa Muuftii Hajjii Umar Idriis himaniru.

Dabalatanis hordoftoonni amantaa Islaamaa guyyaa ayyaana Iid Al-Faxir kanattii namoota harka qalleeyyii deeggaruun akka ayyaanicha kabajaan dhaamsa dabarsaniiru.

Deeggarsa karaa Mootummaa Minstira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad fi Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Magaalaa Finfiinnee Injinar Taakkalaa Uumaan taasifamaa turan galateeffataniiru.TOIti.

Facebook Comments