Naannoon Affaar biyyoota ollaa Itoophiyaa gara garaa waliin waan waldaangessuuf tatamsa’ina vaayirasii koronaa gamasiin akka hindhufneef eegumsa taasisaa jiraachuu beeksise

Hooggantuun Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa naannichaa Aadde Zahaaraa Humad ibsa kennaniin akka jedhanitti, naannichi tatamsa’ina vaayirasichaa ittisuuf eegumsa barbaachisu taasisaa jira.

Eegumsi gama kanaan taasifamaa jiru tamsa’ina vaayirasichaa akka naannichaattis ta’e biyyaatti ittisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Naannichi lammiilee Itoophiyaa biyyoota ollaa Eertiraafi Jibuutiirraa miilaan gara biyyaatti deebi’aa jiran wiirtuulee tursiisaa afur daangaarratti banamanitti simatee ho’i qaamasaanii ilaalamaa jiraachuus eeranii, wiirtuuleen kunneen Gaalaafii, Balafoo, Afaamboofi Asaayitaatti argamu jedhaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa hedduun karaa Jibuutii gara biyyaatti deebi’aa jiranis guyyaa guyyaan koree ittisa vaayirasii koroonaa waliin ta’uun wiirtuulee kunneen keessa turanii akka ilaalaman taasifamaa jiraachuus himaniiru.

Kanamlees godaantonni biyyatti deebi’an miliqanii giddugala biyyaa akka hinseenneef humnoonni nageenyaa naannichaa waardiyyaa dhaabachaa jiraachuu himanii, kanneen miliqanii giddugala biyyaa seenuuf yaalanis qabamanii wiirtuu tursiisatti ilaalamaa jiru jedhan.

Godaantonni hedduun lafoo gara biyyatti deebi’an hedduun haala qilleensaa wajjin walqabatee ho’i qaamasaanii jijijjiiramaa ta’uus dubbataniiru.

Lammiileen guyyaa guyyaan gara wiirtuulee tursiisaa seenan hedduu ta’uufi haalli mijataan wiirtuulee kunneen keessa kan hinjirre ta’uus eeranii, lammiilee wiirtuulee afranitti simataman Yunivarsiitii Samaraa geessanii qorachiisuuf rakkoon geejjibaa jiraachuu himaniiru.

Lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa miilaan gara biyyaatti deebi’aa jiranii dabalaa waan jiruuf eegumsi taasifamaa jiru to’annoo ala ta’uu danda’a sodaa jedhu kan qaban ta’uu himanii, godaantonni gara biyyaatti deebi’aa jiran guyyoota 14f wiirtuulee qophaa’an keessa kan tursiifaman ta’us meeshaaleen qorannoo laaboraatorii waan hinjirreef ammas qormaata dabalataa ta’aa jira jedhamniiru.

Namoonni kunneen qorannaa malee yoo gadhiifaman biyyattiif sodaa guddaa waan ta’aniif mootummaan xiyyeeffannoo kennuufii akka qabu kaasaniiru.

Wiirtuuleen tursiisa daangaarratti argaman tajaajila barbaachisu akka kennaniif dhiyeessa guutuu hinqaban kan jedhan Aadde Zahaaraan, lammiileen wiirtuulee tursiisa yeroo irraa gara Yunivarsitii Samaraa dhaqanii laaboraatoriidhaan akka qorataman taasisuuf hanqinni geejjibaa mudates furamuu akka qabu gaafataniiru.

Lammiileen gara biyyaatti miilaan gammoojjii qaxxaamuranii gara biyyaatti deebi’aa jiran ho’i qaamsaanii beelaafi dadhabbiin waldhahe ol ka’e akka sirratuuf yaaliin jalqabaa kennamaafii jiraachuu himanii, ho’inni qaamasaanii kan itti cime ammoo Yunivarsitii Samaraatti geeffamanii akka ilaalaman taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Sochii tamsa’ina vaayirasichaa ittisuuf taasifamaa jiru milkeessuuf rakkoolee mudatan furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba jedhanii, godaantonni gara biyyaatti deebi’aa jiran irra jireessaan haadholiifi daa’imman waan ta’aniif rakkooleen eeraman dafanii furamuu baannaan rakkoo hammaataan mudachuu akka danda’u ibsaniiru.

Rakkoolee jiran furuufi lammiileen wiirtuulee keessa jiran tajaajila barbaachisu akka argataniif mootummaan Federaalaa deggersa barbaachisu akka isaaniif taasisuuf gaafataniiru.

Madda: Gaazexaa Bariisaa

Facebook Comments