Paartiileen Siyaasaa NSomaalee dhimma filannoorratti marii’atan.

Paartiileen Siyaasaa NSomaalee dhimma filannoorratti marii'atan.

 

OBN,Ebla 28,2012-Paartiileen Siyaasaa Naannoo Soomaaleetti argaman shan dheerachuu yeroo filannoo biyyaalessaa ilaalchisee guyyaa har’aa maarii taa’an.

Paartiileen siyaasaa maarii kana irratti hirmaatan Paartii Somaalee Lixaa, Paartii Gamtaa Dimookiraasii fi tokkummaa,Paartii Duboo fi Dagginoo,Paartii Dilwabii,fi Paartii Badhaadhinaa Naannoo Somaaleeti.

Xumura Hagayyaa filannoo biyyaalessaa filatamuuf ture sababa tatamsa’ina COVID-19 dheerachuun isaa sirrii ta’uu, paartileen siyaasaa kunneen himaniiru.

Dhimma siyaasaarratti waliin dubbachuun kan danda’amu nageenyi lammiilee yoo eegamedha;jalqaba lammiin hundi tokkummaan weerara kana jalaa ofii fi hawaasasaa akka eegu paartileen kunneen dhaamaniiru. Madda:-EBC

Facebook Comments