Imalli badhaadhinaa Itoophiyaatti jalqabamee galmaa akka gahuuf fuldura keenyaa ilaaluu qabna-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad

OBN Wax. 18, 2012- Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad imalli badhaadhinaa Itoophiyaatti jalqabamee galmaa akka gahuuf fuldura keenyaa ilaaluu qabna jedhan.

Sirni ebbaa Warshaa Daabboo Shaggar Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa fi abbootin amantaa bakka argamanitti adeemsifame jira.

Warshaan Dabboo Shaggar guyyaatti marsaa sadiin Dabboo Miiliyoona 2 kan omishuu danda’u tahu himameera.

 

Warshiichi gaaffii fedhii Dabboo hawaasaa deebisuuf gahee mata isaa kan taphatuudhas jedhameera.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyis akka jedhanitti, ijaarsi warshichaa yeroo waggaa tokkoo hin caallee kessatti xumuramuun kutaannoon hojjannaan wanta yaadamee biraa gahuun akka danda’amu agaarsisa jedhaniru.

Warshiichi Daabboo omishuu qofa miti kan jedhan Dr.Abiyyi, imala badhaadhinaa biyyattin taasisaa jirtu kan agarsisuudhas jedhaniru.

Facebook Comments