Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad gaaffiilee miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummatarra kaa’anif yaadaa fi deebii boru ni kennan

OBN Caamsaa 30,2012- Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad gaaffiilee miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummatarra kaa’anif yaadaa fi deebii boru ni kennan jedhame eegama.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walgahii addaa baru Waxabajji 01 bara 2012 sa’ati 3:00 irraa eegalee Galma Walgahii Waajjira Ministira Muummeetti ni gaggeessa.

Ministirri Muummee Dr. Abiyy Ahmadis walgahii kanarratti argamuun gaaffiilee fi yaada miseensoota mana maricharraa ka’aniif deebii fi ibsa ni kennuu jedhame eeggama jechuun odeefannoon mana maricharraa argannee ni mul’isa.

Facebook Comments