Sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa Ashaaraa Magariisaa of eeggannoo cimaan gaggeeffama-obbo Niguusuu Xilahuun

OBN Caamsaa 28, 2012– Sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa Ashaaraa Magariisaa of eeggannoo cimaan kan gaggeeffamu ta’uu itti gaafatamaan Pirees Seekreetaariyaati Waajjira Ministiraa Muummee obbo Niguusuu Xilahuun beeksisan.

Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa ashaaraa magariisaa bara kanaa naannoo Ummattoota Kibbaa magaalaa Hawaasaa gaara Taaboor irratti eegalama.

Itti gaafatamaan Prees Seekreetaariyaat Waajjira Ministiraa Muummee obbo Niguusuu Xilahuun saganticha ilaalchisuun ibsa kennaniru.

Guyyaa eeggumsa naannoo,akka Itoophiyaatti yeroo 27ffaaf, akka idila-addunyaatti immoo yeroo 47ffaa har’a Magaalaa Hawaasaatti kabajamu sababeeffchuun sagantaan dhaabbii biqiltuu ifaan kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Sagantaa kanarrattis Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad argamaniru.

Sagantaan biqiltuu dhaabuu kun sadarkaa federaalaatti Magaalaa Hawaasaatti kan eegalu ta’us, kutaalee biyyatti hundattis ni eegalama jedhan.

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Wanciitti,naannoo Amaaraa godina Goojjaam aanaa Wancitti, naannoo Gaambeellaa godina Anyuwaakitti, naannoo Beeniishaanguul Guumuz godina Matakkal aanaa Anduraatti sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa har’aa kan eegalu ta’uu obbo Nigusuun ibsaniiru.

Sagantaan biqiltuu dhaabuu bara kana weerara vaayirasii koroonaaf akka hin saaxilamne of eeggannoo cimaan kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Wayita kana “omisha ni omiishna,weerara vaayirasii koroonaas ni ittisna” yaadaa jedhuu hordoofuun vaayirasiicha irraa of eegaa hoji omiishaa keenyaa itti fufna jedhaniru.TOI

Facebook Comments