Oomisha Gannaa

Itoophiyaatti qonna Gannaan lafti heektaara miiliyoona 7.75 uwwifamuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Bara kana qonna Gannaan lafa heektaara miiliyoona 12.8 qotuuf kan karoorfame yoo ta’u; kana keessaa hanga ammaatti heektaarri miiliyoona 7.75 qotamee midhaan gosa gara garaan uwwifamuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Sababa weerara vaayirasii koroonaan dhiyyeessiin oomishaa akka hin mudanneefis xiyeefannoon hojjetamaa jiraachuus Ministeerichi hubachiiseera.

Ministeerichatti Daayreektarri Oomisha Midhaanii obbo Eeliyaas Lammaa TOItti akka himanitti; oomisha midhaanii bara darbe Arfaasaafi Gannaan argamee gadi baranas akka hin buune hojiin xiyeefannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Walumaagalatti qonna Arfaasaafi Gannaan lafa heektaara miiliyoona 12.8 irraa oomisha kuntaala miiliyoona 375 oli argachuuf karoorfamuus dubbataniiru.

Dhiibbaa weerara vaayirasii koroonaa dandamachuun hojiin qonnaa hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Oomishaafi oomishtummaa dabaluufis galteewwan oomisha dabalan adda addaa dhihaachuu ibsaniiru obbo Eeliyaas.

Facebook Comments