Borurraa eegalee Intarneetiifi tajaajila sagalee waliigalarratti

Borurraa eegalee Intarneetiifi tajaajila sagalee waliigalarratti hir’ifamni ni taasifama.

Borurraa eegalee Intarneetiifi tajaajila sagalee waliigalarratti hir’ifamni ni taasifama.

Itiyoo Telekoom sababa weerara vaayirasii koronaan tajaajila Intarneetiifi sagalee waliigalarratti hir’ifama gatii taasiisuu beeksise

Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Itiyoo Telekoom Aadde Fireehiyiwot Taammiruun karoora imaammataa waggaa sadiifi bajata bara 2013 ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Tajaajila waliigalaa Intarneeti irratti %35, tajaajila sagalee waliigarratti ammoo %29 hir’ifama taasiisuu ibsaniiru.

Tajaajilli waliigalaa mana keessaan turaa hanga bara faranjootaa dhufuutti haaluma tureen kan itti fufuu ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas bara haaraa sababeeffachuun tajaajila waliigalaa ‘Aday Ababaarratti’ %53 hir’ifama taasisuu himaniiru.

Akka gabaasa FBCtti dhaabbatichi bara 2013tti lakkoofsa maamiltoota miliyoona 52.1tti guddisuuf kan hojjetu ta’uu ibsameera.

Bara bajataa 2013 galii waliigalaa biliyoona 55.5n ga’uuf karoorfamuu Aadde Fireehiyiwot ibsaniiru.

Lakkoofsa fayyadamtoota moobaayilii miliyoona 44.5 ture gara miliyoona 48.7 ol guddisuuf karoorfamuus ibsaniiru.

Bara baajatichaa iddoolee uwwisni tajaajila 3Gfi 4G hin geenye waliin ga’uuf ni hojjetama jedhan.

Facebook Comments