Daldala Itiyoo-chaayinaa

Jijjirran daldalaa Itiyoo-chaayinaa kan waggaa Doolara Ameerikaa biiliyoona 5 qaqqabuu Chaayinatti Ambassaddarri guutuu Itiyoophiyaa Ambassaddar Tashooma Toogaa beeksisan

Jijjirran daldalaa Itiyoo-chaayinaa kan waggaa Doolara Ameerikaa biiliyoona 5 qaqqabuu Chaayinatti Ambassaddarri guutuu Itiyoophiyaa Ambassaddar Tashooma Toogaa beeksisan.

weerarri vaayirasii koroonaa midhaa namoota irraanis ta’e dinagdee irraan gahu hir’isuuf Chaayinaa irraa barumsa fudhaachuun baarbachisaa akka ta’es himaniiru.

Chaayinaatti Ambaassaddara guutuu Itiyoophiyaa kan ta’an Ambaassaddar Tashooma Toogaa walitti dhufeenyi diiploomasii biyyoota lameeni waggoota 50 akka lakkoofsise fi jijiirran daldalaa biyyoota lameeni guddachaa dhufuun yeroo amma kana doolara Ameerikaa biiliyoona 5 gaheeras jedhan.

Itiyoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti walitti dhufeenyi daldala,Invaastimanti,walgargarsa dinagdee,ijaarsa bu’uraalee misooma,leenjii humna nama fi ce’umsaa teeknooloojjin walitti dhufeenyi gaariin jiraachuu kan himan Ambaassaddar Tashooman, jijjirran daldala biyyoota lameeni waggoota shanin dura Dolara Biiliyoona 1.5 kan ture yoo ta’u, jijjiran daldala wagga waggaan guddachaa dhufun sadarka amma jiru kana irraa gaheera jedhaniiru.

Itiyoophiyaan meeshaawwan gara Chaayinaatti ergitu kanniin akka Salixa,Buna,Atara fi omiishawwan qonnaa kan biroo irraa galii Dolara miiliyoona 400 ol yoo argattuu, Chaayinan immoo meeshaalee ijaarsa Doolara 4.6 tti tilmamamani fi meeshaalee biroo gara Itiyoophiyatti erguu himaniiru.

Kunis kan agarsisuu madalli daldala kara Chaayinatti kan loogu ta’u fi Itiyoophiyaan madallii daldala kana wal simsisuuf oomiishaa gabaa alaaf dhiyeessittu qulqullinaanifi baay’inan dhiyessuuf hojii baay’een akka ishee hafuu fi akka irratti hojjatama jirus himaniiru.

Walitti dhufeenyi dinagdee Itiyoophiyaa fi Chaayinaa sadarkaa guddaan dabalaa jiraachuu fi abbootin qabeenyaa Chaayinaa Itiyoophiyaatti Dolara Biiliyoona 4 olin hojii invastimantii adda addaatti bobba’uun Chaayinan sadarkaa jalqaba qabachuus himaniiru.Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaarraa odeeffanne.

Image may contain: one or more people and people standing
Image may contain: 1 person
Image may contain: sky and cloud
Facebook Comments