Deeggarsa Chaayinaa Itiyoophiyaaf

Chaayinaan marsaa 3ffaaf meeshaalee wal’ansaa vaayirasii koroonaa ittisuuf oolan Itiyoophiyaaf gumaachite

Chaayinaan marsaa 3ffaaf meeshaalee wal’ansaa vaayirasii koroonaa ittisuuf oolan Itiyoophiyaaf gumaachite.

Marsaa kanarratti haguuggii afaanii fi funyaanii Sarjikaala kuma 500,haguuggii afaanii fi funyaanii kuma 65,uffataa fi kophee Meedikaala kuma 10 akkasumas Gilaavii Sarjikaala kumaataman lakkawwaman deeggarsa taasifte jirti.

Mootummaan biyyaatti Ityoophiyaan tattaaffii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasiftuuf deeggarsa isaa kan itti fufuu tahuufi weerarri vaayirasii koroonaa erga biyyaa seenee ji’a Bitooteessaarra eegalee deeggarsa taasiftuu osoo addan hin kutiin itti fufsiisuu Finfinneetti kan argamuu Imbaasiin Chaayinaa beeksiseera.

Ji’a Ebla ogeessonni fayyaa Chaayinaarra dhufaan guyyoota 15 Ityoophiyaatti deeggarsa yaala taasisuun isaanii ni yaadatama.

Image may contain: stripes
Facebook Comments