Godina Baaleetti tatamsa’ina

Godina Baaleetti weerara vaayirasii koroonaa ittisuuf hojiin hubannoo uumuu kenname.

 

Tatamsa’ina weerara vaayirasii koroonaa ittisuuf jiraattotaa Godina Baaleef hojiin hubannoo uumuu kenname.

Godina Baaleetti tatamsa’ina weerara vaayiraasii koroonaa ittisuuf hojii hubannoo uumuu hojjetameen namoota kuma 200 fi kuma 72 oliif leenjiin hubannoo cimsu kennamuu itti gaafatamaan Waajjirrii Fayyaa Godina Baalee obbo Dassaalenyi Tujubaa himaniiru.

Duula marsaa jalqabaa gaggeeffameen hojii hubannoo uumuu cinaatti namoota kuma 2 fi 400 qorannoo laabiraatoorii gaggeessuun danda’ameeras jedhan.

Qorannoo taasifameenis namoota 6 irratti vaayiraasii koroonaa kan argame ta’uu himan.

Gara fuulduraattis qorannoo bal’aa gaggeessuf hojjetama jiraa jedhan obbo Dassaalenyi.

Image may contain: one or more people and people standing
Facebook Comments