Oomiishaa Abaaboo Itiyoophiyaa

Itiyoophiyaan Abaaboo gara alaatti erguun Afriikaarraa lammaffaa ta’u Ministeerri Qonnaa beeksise

Itiyoophiyaan Abaaboo gara alaatti erguun Afriikaarraa lammaffaa ta’u Ministeerri Qonnaa beeksise.

Itiyoophiyaan Abaaboo gara alaatti erguun Afriikaarra sadarkaa lammaffaa irratti akka argamtu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Itiyoophiyaan bara 2012tti oomiishaa Abaaboon Keeniyaatti aanuun biyyaa milkoofte ta’uu, deetaan ministira Ministeera Qonnaa obbo Wondalle Habtaamuu himaniiru.

Akkasumas Itiyoophiyaan biyya miseensa Gamtaa Awurooppaa osoo hin ta’iin al-erge Abaaboon sadarka 5ffaa irraa jirtuudha jedhan.

Kana malees Itiyoophiyaan abaaboo sadarkaasaa eeggatee oomisuun,Neezerlaandi,Firaansi,Jarman,Itiili,kaanaadaa,Norweey,Swiidin,UK,biyyoota Baha Giddugaleessa fi biyyoota miseensoota Gamtaa Awurooppaa biroo walin morkattuudhas jedhaniiru.

Bara baajataa darbeetti Biyyattin oomiishaa Abaaboorraa Doolara kuma 320 fi 162 galii argachuunshees himamera.

Image may contain: flower, crowd, outdoor and text
Image may contain: food
Image may contain: flower, sky, cloud, nature and outdoor
Image may contain: people standing, flower, plant, outdoor and nature, text that says 'Reuters'
+2
Facebook Comments