Keeniyaan gama turiizimiin Itoophiyaa walta’insaan hojjechuu barbaaddi- Keeniyaatti, Imbaasii Itoophiyaa

OBN Ful. 26, 2013- Keeniyaan gama turiizimiin Itoophiyaa waliin tumsuun hojjechuu akka barbaaddu Keeniyaatti Imbaasiin Itoophiyaa beeksise.

Keeniyaatti Ambaasaaddarri guutuu Itoophiyaa Mallas Alam akka himanitti, dameelee  turiizimiin Itioophiyaa fi Keeniyaa guddisuuf tumsa waloon hojjechuuf karaalee danda’amu irratti Ministira Turiizimii fi Qabeenya Dirree Keeniyaa, Neejib Bilaalaa waliin mariin Varchuwaaliin mari’achuusaani himaniiru.

Obboo Najiib akka himanitti, Keeniyaan gama turiizimiin Itoophiyaa waltahiinsaan  hojjechuuf akka barbaaddus Ambaasaaddar Mallas Alamitti himaniiru.

Ambaasaaddar Mallas gamasaaniin Itoophiyaa fi Keeniyaan keessummeessitoota daawwattootaa baay’ee akka ta’an ibsaniiru.

Weerarri vaayirasii koroonaa miidhaa inni geessise keessaa turizimiin isa tokko akka ta’es ambaasaaddarichi dubbataniiru.

Facebook Comments